መስከረም 30 ፣ 2014

Soba: Fakkiin RIB meeshaa harawaa argachuu isaa hin agarsiisan

HAQCHECK

HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

Avatar: Rehobot Ayalew
ርሆቦት አያሌው

Rehobot is a lead fact-checker at HaqCheck. She is a trainer and a professional who works in fact-checking and media literacy.

ናኦል ጌታቸው

Naol is a journalist and fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is a professional working in the fields of fact-checking, journalism, online storytelling, and translation.

Soba: Fakkiin RIB meeshaa harawaa argachuu isaa hin agarsiisan

Gaafa guyyaa Fulbaana 27, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 69,000 ol qabu tokkoo Rayyaan Ittisa Biyyaa meeshaa "VTOL drones'' jadhamu battachuu isaa oduu gammachiisaa jachuun maxxansee ture. Dabaleetis Diroonin kun radaara ala bahuun ka hojjatu yeroo ta’uu tekinooloojii diina irratti balaa guddaa fiduu danda’u isaa ibsa.

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

Erga loolli Tigraay keessaatti eegale RIB diroonii fayadamuu isaa beksiisee ture. Kanaan alas Diroonii Iraan RIB fayyadama irra olchuu isaa odeeffannoon adda-addaa bahaaniiru. 

VTOL drone Maliinii?

VTOL jachuun vertical take-off and landing jachuudha. Iniis Diroonootaafi xiyaara Helikoftara ka mul’isu yoo ta’u diroonii ol ka’uufi gad bu’ee dhaabachuu ka danda’uu ta’uu isaa ibsa. Gareen VTOL UAV bayyee bekamus multicopter drone dha. 

VTOL Konstiraakshiniif, industrii zayiitiif gaaziif, surveyilansiif, Seekuuritif kkf hojjachuuf gargaara. Walumagalaanis Dirooniin (UAV) haalaa garee isaanii irratti hundaa’ee wantoota garagaraaf ka fayyaduudha

Haala armaan oliitti ibsametti Dirooniin VTOL jadhamu akka poostii Fesbuukii kana irratti himametti diroonii loolaf fayyadufi radaarii ala miidhaa geessuuf ka fayyadu waan hin taaneef Soba godha.

Dabalataanis Wanta HaqCheck hubate keesaa inni tokkoo fakkiiwan maxxansichaa waliin walqabatanii maxxanfaman reverse image search in qorachuun suuraaleen kuun Sadaasa 14, 2018 ALF Xinhua irratti yeroo jalqabaaf maxxanfamuu isaanii dhugoomseera. Oduun kuniis humni Itoophiyaa Beejiing keessatti leenjii wa’ee dirooni fudhachuuf hirmaachuu isaani gabasaa. 

Kana malees yuuniiformiin RIB bara 2019 ALF jijjiramuun isaa waan beekkamuuf uffanni fakkii kana irratti uffatan kuni ka turee akka ta’ee hubaneera.

HaqCheck Sababa armaan olii ibsiineef maxxansiin feesbuukii kun maxxanse Soba jadhee ramadeera.  

አስተያየት