ጥቅምት 26 ፣ 2014

Soba: Fakkiin WBOn (Shaneen) meeshaa too’achuu isaa hin agarsiisu

HAQCHECK

HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

Avatar: Rehobot Ayalew
ርሆቦት አያሌው

Rehobot is a lead fact-checker at HaqCheck. She is a trainer and a professional who works in fact-checking and media literacy.

ናኦል ጌታቸው

Naol is a journalist and fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is a professional working in the fields of fact-checking, journalism, online storytelling, and translation.

Soba: Fakkiin WBOn (Shaneen) meeshaa too’achuu isaa hin agarsiisu

Gaafa guyyaa Onkololeessa 22, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 180,000 ol qabu tokkoo “#WBO Waraanni Bilisummaa Oromoo meeshaalee gurguddaa adda addaa mooyummaarraa booji'aa juraachuu ifoomse. ” jachuun Fakkiidha wal-qabsiisuun Afaan oromootiin maxxansee ture. Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti yeroo 310 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

 

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisumma Oromoo (Kan Shanee jadhamu) Adda Bilisumma Ummata Tigiraay waliin Gurmii shororkeesaa jachuun Eebla 1, 2021 ALF Ifa basee ture. Gurmiin lamaanis Hagayya 11 ALF akkan waliin hiojjatan ibsaniiru.

Loolli Bahaa Itoophiyaa keessa geffamaa jiru gara naannoo Amaaraafi Afaar erga bal’atee ABUT magaaloota Dassee fi Kombolcha too’achuu isaa ibsameera. Onkolooleessa 22 ALI moo WBO (Shanee) Magaalaa kamisee too’adhe jadheera. 

Maxxansiin Fesbuukiin kun Haaluma kanaan barra’e. 

Haata’u malee Suuraan maxxansiichaan walqabate kun Fesbuukii irratti Hagayya 30 jalqabee naana’aa kan ture. Innis Yaroo ABUT magaalaa Waldiyaa “qabadhee” jadhu ka maxxanfameedha.

Maxxansii suuraa kana irratti looltoota irratti dabaluun Photoshoopii dalaganii haaraa fakeesuun maxxanfamuu isaa HaqCheck hubateera. 

Bakuuma Suuraa kana irratti qalama diimaan itti marsine yeroo hubannu suuraa kan bira irraa buqqisuun fakkii konkolaata looltoota qabate irratti rigamuun isaa bekkameera. 

Kanaafuu Postiin kun WBO (shaneen) meeshaa motuummaa too’achuu isaa waan hin ibsineef HaqCheck Soba Jadhee ramadeera. 

አስተያየት