ጥቅምት 15 ፣ 2014

Ergaan “Lootariin visa Noorweey” jadhamee naana’u soba ?

HAQCHECK

Geessituun (Link) mata-duree "Norway Visa Lottery Application Form" qabatee Telegraamii irratti naana’u kun soba ta’uu isaa HaqCheck Dhugoomseera.

Avatar: Rehobot Ayalew
ርሆቦት አያሌው

Rehobot is a lead fact-checker at HaqCheck. She is a trainer and a professional who works in fact-checking and media literacy.

ናኦል ጌታቸው

Naol is a journalist and fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is a professional working in the fields of fact-checking, journalism, online storytelling, and translation.

Ergaan “Lootariin visa Noorweey” jadhamee naana’u soba ?

Geessituun tokko mata-duree "Norway Visa Lottery Application Form" jadhu qabachuun, caarraan nama 45,000 f akkaa yaalame jachuun Telegramii irratti naanna’ee ture. Ergaan kuniis hangaa barruun kun maxxanffamuutti nama 300n ol ilaalameera. 

Geessituun kuniis foormii  "The Norwegian Directorate of Immigration" jadhuu akka guuttan isiin gaafata. Fuula foormii kana yeroo bantan akka Email, pasoordii fi bakkee jireenya keessan kkf isiin gaafata. 

Ameeriikaan Diversity Visa Lottery (DV) jadhamu bara 1955 irraa eegaltee namoota 55,000 ni ol bara baraan akka simattu ni beekkama. Carraan lootarii baranaas hanga November 9, 2021 banana ta’ee akka turus gabaasaameera. 

Onkolooleessa 2021 keessaatis  Eembaassiin Norweey Ankaaraa keessa jiru ergaa walffakaataa akkanaa Gaanaa keessatti waan mul’ateef “Eergaan kuun soba. Kanaafuu akka irraa of eegdan isiin beeksiisna” jadhee akeekkachisee ture. 

HaqCheck dhimma kana dhuugoomsuuf Embaasii Norweey Finifinnee dubbiseera. Embaasichis Emeeliidhan “ Noorweey Vizaa lotoorii hin qabu.” jachuun deebii nuuf keennaniru. Dabalaataanis erga Hagayya 1, 2019 jalqaabee dameen Finfinnnee embaasiichaa akka cuffameefi dhimmi Vizaa Damee Nayiiroobii Embaasiichaatin akka socha’uu himaniiru. 

Thus, the Telegram message is rendered False along with its suspicious deceitful intent of collecting personal information.

Kanaafuu ergaan Telegraamii irrati socha’u kun Soba waan ta’eef odeeffannoo keessaan qooduu irraa akka off eegdan isiin beeksisa. 

አስተያየት