ታህሣሥ 15 ፣ 2014

GARTOKKEEDHAN SOBA: Ibsi ABO Shanee dhihoo bahe looltoonni isaa ummata Amaaraa akka miidhaan ajajuu isaa hin agarsiisu.

HAQCHECK

HaqCheck Maxxansii toora intarneeta ABO Shanee fi maxxansii Fuula Fesbukiicha wal-ilaalee Postiin kun GARTOKKEEDHAN SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

Avatar: Naol Getachew
ናኦል ጌታቸው

Naol is a journalist and fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is a professional working in the fields of fact-checking, journalism, online storytelling, and translation.

ሳባ ሀፍቱ

Saba is a junior fact-checker at HaqCheck.

GARTOKKEEDHAN SOBA: Ibsi ABO Shanee dhihoo bahe looltoonni isaa ummata Amaaraa akka miidhaan ajajuu isaa hin agarsiisu.

Gaafa guyyaa Muddee 9, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota Miliyoona 4 ol qabu barruun “ABO Shaneen injifannoo argachaan jira, looltoota harawaas lenjisaan jira…. Miseensooni Poolisii Mootummaa naannoo Oromiyaa kan ta’aniis gara keenya walmakamaa jiru jadheera… miseensi ABO kamiyyuu polisii oromoyaa irratti akka tarkaanfii hinfudhanee fi  tarkaanfiin ummata Amaaraa naannoo oromiyaa keessaa jiraatan irratti fudhatamaa jiruus akka ittii fufu ajajameera” jadhu tokko suuraa waliin qoodeera. Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti yeroo kuma tokkoo ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee GARTOKKEEDHAN SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisumma Oromoo (Kan Shanee jadhamu) Adda Bilisumma Ummata Tigiraay waliin Gurmii shororkeesaa jachuun Eebla 1, 2021 ALF Ifa basee ture. Gurmiin lamaanis Hagayya 11 ALF akkan waliin hiojjatan ibsaniiru.

Gaafa guyyaa Hagayya 1, 2014, ALI Hogganaan WBO Kumsaa Dirribaa (Jaal Maroo) Associate Pressiif ABUT waliin michoomuu isaani himee ture. Gaafa Onkolooleessa 1, 2014 ALI gaazexesituun BBC Afrikaa Katerine Byaruhanga gabaasa vidiyoo mata-dureen isaa "Ethiopia's secretive armed group" jadhu leenjii gurmii kanaa gaafiif deebi waliin hojjatee turte. Jaal maroonis kiba, lixa fi Oromiyaa jedduu too’achuu isaanii BBCti himeera.

ABO Shaneen iddoon tokko tokkoo too’anna isa jala akka jiraan toora intarneeta OLA Communique jadhamu irratti gaafa guyyaa Muddee ibsa mata duree OLA UPDATE #17 jadhuun baasee ture. 

Ibsa kana irrattis waa’ee “miseensi ABO kamiyyuu polisii oromoyaa irratti akka tarkaanfii hinfudhanee fi  tarkaanfiin ummata Amaaraa naannoo oromiyaa keessaa jiraatan irratti fudhatamaa jiruus akka ittii fufu ajajameera” jadhuu akka hinjirre HaqCheck hubateera. 

HaqCheck Maxxansii toora intarneeta ABO Shanee fi maxxansii Fuula Fesbukiicha wal-ilaalee Postiin kun GARTOKKEEDHAN SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

አስተያየት