ጥቅምት 29 ፣ 2014

SOBA: Fakkiin kun WBOn (Shaneen) karaa gara Finfinnee irra jiraachuu isaa hin agarsiisu

HAQCHECK

HaqCheck maxxansicha hubatee SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

Avatar: Naol Getachew
ናኦል ጌታቸው

Naol is a journalist and fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is a professional working in the fields of fact-checking, journalism, online storytelling, and translation.

ኪሩቤል ተስፋዬ

Kirubel works as a fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is interested in learning and expanding his writing and journalistic skills.

SOBA: Fakkiin kun WBOn (Shaneen) karaa gara Finfinnee irra jiraachuu isaa hin agarsiisu

Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 184,000 ol qabu tokkoo “Erga Jaal Marroon akka Finfinnee too'ataniif waraana bilisummaa Oromootiif ajaja dabarsanii booda waraanni bilisummaa Oromoo gara Finfinnetti Ooraaliin imala eegalee jira. ” jachuun Fakkiidha wal-qabsiisuun Afaan oromootiin maxxansee ture. Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti ri’akshinii 2000 ol kan argate yoo ta’u yeroo 140 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisumma Oromoo (Kan Shanee jadhamu) Adda Bilisumma Ummata Tigiraay waliin Gurmii shororkeesaa jachuun Eebla 1, 2021 ALF Ifa basee ture. Gurmiin lamaanis Hagayya 11 ALF akkan waliin hiojjatan ibsaniiru.

Loolli Bahaa Itoophiyaa keessa geffamaa jiru gara naannoo Amaaraafi Afaar erga bal’atee ABUT magaaloota Dassee fi Kombolcha too’achuu isaa ibsameera. Onkolooleessa 22 ALI moo WBO (Shanee) Magaalaa kamisee too’adhe jadheera. 

Gaafa guyyaa Hagayya 1, 2014, ALI Hogganaan WBO Kumsaa Dirribaa (Jaal Maroo) Associate Pressiif ABUT waliin michoomuu isaani himee ture. Gaafa Onkolooleessa 1, 2014 ALI gaazexesituun BBC Afrikaa Katerine Byaruhanga gabaasa vidiyoo mata-dureen isaa "Ethiopia's secretive armed group" jadhu leenjii gurmii kanaa gaafiif deebi waliin hojjatee turte. Jaal maroonis kiba, lixa fi Oromiyaa jedduu too’achuu isaanii BBCfi himeera. 

Maxxansiin Fesbuukiin kun Haaluma kanaan barra’e. 

Haata’u malee  suuraan duraa kun yeroo jalqabaaf kan maxxanfame gaafa guyyaa Adoolessa 13,2021 ALF toora-intarneeta genevasolutions.news jadhamu irratti. Maxxansichiis UN Wattaddarri Ertiraan akka naannoo Tigraay keessaa bahu kan hubachiisu. 

Faakiin fuulli fesbuukiin kun suraa kana fotoshoopiin tottolchuun akka looltooni Shaneen (WBOn) too’ate fakkesse. 

Kanaafuu Postiin kun WBO (shaneen) karaa finfinnee irratti jiraachuu isaa waan hin ibsineef HaqCheck SOBA Jadhee ramadeera. 

አስተያየት